Guyyaa Gootummaa gootota waliin kabajuu danda’uukoof gammachuun natti dhaga’ameera-Preezdaand Saahiwarq

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Preezdaant FDRI Saahiwarq Zawdee fi itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee waliin ta’uun duula olaantummaa seeraatin misensoota raayyaa ittisa biyyaa miidhaan irraa gahee hospitalaa Xoor Haayiloochitti yaalarratti argaman daawwataniiru.

Preezdaant Saahiwarq Zawdee daawwannichaa booda yaada laataniin, Guyyaa Gootummaa goototaa waliin kabajuu danda’uukoof gammachuun natti dhaga’ameera jedhan.

Preezdaant Saahiwarq Zawdee haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaa izii kaabaarratti raawwate yaadataniiru.

‘Dhiyeenyatti fayyaatanii gara hojiitti akka deebitaniif abdiin qaba’ jechuun miseensoota raayyaa ittisa biyyaa walla’aansarratti argaman jajjabeessaniiru.

Gatiin kaffaltaan yoomuu hin dagatamuu, nutis deeggarsa nurraa barbaachisuu ni taasisna jedhaniiru.

Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfiinnee aadde Adaanach Abeebee,gootota biyyaa diigamuurraa olchuuf gatiin kaffalaan waliin guyyaa gootummaa kabajuun injifannoodha jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaas miseensoota raayyaa ittisa biyyaa ayyaana bara haara sababbeeffachuun kennaa laachuu EBC’n gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment