Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa guyyaa filannoo hordoffii haala mirga namoomaa taasiisuuf ogeeyyii bobbaasuu beeksiise.
Guyyaa boruu naannolee filannoon marsaa 6ffaa itti gaggeeffamu hundatti haala mirga namoomaa hordofuuf ogeeyyii bobbaasuu ibseera.
Gareen kun filannoo boodas buufataalee filannoon itti gaggeeffameetti argamuun haala ture kan qoratu ta’uu ibsameera.
Gareen hordofii mirga namoomaaf bobba’u kun filattoota, Qindeessitoota, Qaamolee nageenyaa, Paartilee siyaasaa, Kaadhimamtoota, Taajjabdootaa fi qooda fudhattoota filannoo hunda dubbisuun ragaa kan sassaabu ta’uu himameera.
Wayita filannoo mirga namoomaa mirkaneessuun ga’ee qaama hundaa ta’uu Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaan ibsaniiru.
Hawaasni fi qaamni dhimmi ilaallatu hundi garee waraqaa eenyummaa Komishinichaa qabchuun hordoffii dhimma mirga namoomaarratti hojjetuuf tumsa barbaachisu akka taasiisu gaafataniiru.
Dabalataan odeeffannoo mirga namoomaan walqabatu laachuuf garichaa fi bilbila bilisaa 7307 irratti bilbiluun eeruu laachuu kan danda’an ta’uu ibsuu isaanii ragaan Komishinicharraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.