Guyyaa dubartootaa March 8 sababeeffachuun magaalaa Jimmaatti dubartoota rakkoo hawasummaa qabaniif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Guyyaan dubartootaa March 8 Mata_duree “Dubartoonni hirmaattoota malee miidhamtoota siyaasaa hin ta’an” jedhuun magaalaa Jimmaatti kabajameera.

Guyyaa dubartootaa March 8 sababeeffachuun dubartoota gamaa siyaasaa fi fayyadamumma diinagdeetiin hirmaachisuuf mariin paanalii taaasifamuu Itti Gaafatamtuun Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Nabiyaat Abba Maccaa ibsaniiru.

Ayyaanicha sababeeffachuudhaan duubartoota rakkoo hawasumma adda adda qaban 80f deeggarsi meshaalee bu’uuraa fi meeshaalee qulqullinaa tasiifameerra.

Itti Gaafatamaan Waajjiraa paartii badhaadhinaa magaalaa Jimmaa  obbo Lataa Ashabbir dubartoota gama diinagdee fi siyaasaatiin hirmaachisuuf caalmaatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniru.

Samiiraa Muhaammadyaasin

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment