Finfinnee, Fulbaana 28, 2015(FBC)- Guyyaa dhaloota Nabiyyuu Mahaammad wayita kabajnu barsiifata isaanii yaadachuun ta’uu qaba jedhan Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan.
Obbo Qajeelaan kabaja ayyaanichaa masjiida guddicha Anuwaaritti argamuun haasawaa taasisaniin, Nabiyyuu Mahaammad garaa laafessaafi dhalli namaa haqummaan akka jiraatuuf kan qabsaa’an ta’uu ibsaniiru.
Nabiyyuu Mahaammad dhala namaarra darbee biqiltuuwwaniifi bineelladootaaf garaa kan laafan, murtoo madaalawaa kan kennaniifi daba dhala namaarra gahu hadheeffatanii kan morman akka turan eeraniiru.
Ayyaanichi dhalli namaa kan itti deeggaramu, warreen harka qalleeyyiin kan itti daawwataman, warreen dhukkubsatan kan itti gaafatman, jaalalliifi waliif yaaduun kan itti mul’atu waan ta’eef ayyaanicha hojiilee namoomaa hojjechuun dabarsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Duudhaaleen namooma giddugala taasisan akka hin banneef waloon hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Ayyaanichi kan nagaafi jaalalaa akka ta’u hawwaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.