Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Guyyaa daa’immaan Afrikaa sababeeffachuun sagantaan dhaabbii biqiltuu Paarkii Inxooxxoo keessatti gaggeeffameera.
Sagantaa kanarratti miseensonni Paarlaamaa daa’immanii guutuu biyyattiirraa walitti babba’an hirmaataniiru jedhame.
Daa’immaan egeree biyyaa biqiltuun har’a dhaabaan seenaa akka hojjetaniif carraa kan uumu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Sagantichi ‘nageenya, jaalalaa, kunuunsaa fi deeggarsa daa’immaan hundaaf’ jedhuun gaggeeffameera.
Guyyaan daa’immaan Afrikaa akka Ityoophiyaatti yeroo 32ffaa fi akka Ardiitti ammoo yeroo 33ffaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.