Guyyaa borii daandileen sochii tiraafikaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Jila Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaarratti hirmaataniif simannaa taasifamuuf jecha, daandilee sochii tiraafikaaf cufaa ta’an poolisiin ifoomseera.

Haaluma kanaan, ganama sa’aatii 1:00 irraa eegalee Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee eegalee hanga bakka qubannaa isaanii Hoteela Hiiltanitti simaannaa hoo’aan akka taasifamuuf ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Daandileen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee-Mana Amantaa Isxifaanos-4 Kiiloo-Addabaabaayii Daagol-Daandii Charchil-Siidaa Dilaachin-Ambaasaaddar-Addabaabaayii Masqalaa hanga Hoteela Hiiltanitti sa’aatiiwwan muraasaaf daandileen eeraman sochiiwwan tiraafikaaf cufaa ta’uun eerameera.

Konkolaachistoonni kana hubachuun polisoota tiraafikaaf ajajamuu fi tumsa akka taasisan waamichaa dhiyeesseera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Hangaarii Buudaapestitti gaggeeffameerratti Itiyoophiyaan addunyaarraa sadarkaa 6ffaa qabachuun xumurteetti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment