Guutuu Oromiyaatti ayyaana injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa kabajuuf qophiin xumurameera-Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC)- Guutuu Oromiyaatti ayyaana yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa kabajuuf qophiin xumuramuu sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaan kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.
Ayyaannichi mata duree “Adwaa, faajjii tokkummaa sabdaneessummaa” jedhuun akka kabajamu himaniiru.
Kabajni ayyaana kanaa kayyoo gurguddaa sadii milkeessuuf kan xiyyeeffate yoo ta’u, 1ffaan gahee ummanni Oromoo biyya kana ijaaruu fi tiksee asiin gahuu keessatti qabu agarsiisuudha.
Lammaffaa muuxannoo sabaa fi sablammoonni biyyattii gamtoomanii gootummaan diina qolachuu lola Adwaa irratti agarsiisan, har’a ammoo guddinaa fi ijaarsa biyyaa keessatti akka irra deebi’an kaka’umsa uumuudha.
Sadaffaa gootota lola Adwaa irratti hirmaatan yaadachuu fi galateeffachuudha jedhaniiru.
Ayyaanichi Guraandhala 15 hanga 17, 2013 aanaalee Oromiyaa hunda keessatti marii paanaaliitiin kan kabajamu yoo ta’u, sadarkaa godinaalee fi magaalotaatti ammoo sagantaa walfakkaatuun Guraandhala 18 hanga 19, 2013 ni kabajama jedhaniiru.
Sadarkaa naannootti ammoo Guraandhala 21 hanga 23,2013tti magaalaa Finfinneetti sagantaawwan addaa addaatiin kabajuuf qophiin xumuramuu obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaaniitin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment