Guutuu biyyattiitti kutaaleen hawaasaa garagaraa biqiltuu dhaabuuf duulaa jiru-TKM

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)- Guutuu biyyattiitti kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannawaa biqiltuu dhaabamutti Ashaaraa isaanii kaa’uuf duulaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Duulaa guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miiliyoona 600 dhaabuuf duula har’a gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun Ministir Deetaan Tajaajilichaa Salaamawit Kaasaan ibsa kennaniin, sadarkaa biyyaalessaatti duulicharratti kutaaleen hawaasaa hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Bosonaa haphachaa dhufee deebisuuf, miidhaa sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan dhufu ittisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu, faayidaa diinagdee argamsiisuu fi gargaaramtummaa jalaa ba’uuf tattaaffii taasifamu tumsuu keessatti Ashaaraan magariisaa gumaacha olaanaa akka qabu ibsameera.

Waggoottan shanan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu biiliyoonni 32.5 dhaabamuu yaadachiisaniiru.

Sababa kanaanis uwwisni bosonaa biyyattii %23’tti guddachuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment