Guutinsi  bishaanii hidhi haaromsaa marsaa 2ffaan fedhii Gibtisirratti dhiibbaa hin uumuu-Ministeera Dhimma Alaa Gibtsi

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC)- Guutinsi  bishaanii hidhi haaromsaa Guddichi Ityoophiyaa marsaa 2ffaan fedhii Gibtisirratti dhiibbaa akka hin uumnee Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibtsi Saameeh Shukrii ibsaniiru.

Gibtsi kuufamni bishaanii hidha Aswaaniin qabduu ofitti amanamummaa kan uumeef ta’uu Ministirichi ibsaniiru.

Ministirichi guutinsi  bishaanii hidhi haaromsaa guddichaa marsaa 2ffaan fedhii Gibtisirratti dhiibbaa akka hin uumnee  ni amannaa jechuun ibsaniiru.

Gibtsi Ityoophiyaa guutinsa bishaanii marsaa jalqabaa gaggeessusheen duraarra eegalee hanqinni bishaanii akka ni muudataa jechuun adeemsicha mormaa turteetti.

Ammas Ityoophiyaan guutinsaa bishaanii marsaa lammaaffaa gaggeesuusheen dura karaa garagaraa fi mariirratti komii walfakkataa dhiyeessaa turuun ishee ni yaadatama.

Indipeendantiin Gibtisi akka gabaaseetti Ministirichi buufata televizhinii tokko waliin turtii taasisaniin mariin sadeenii marsiisummaa Gamtaa Afrikaa fi ergama adda gaanfaa Afrikaa waliin dhimmoota walqabataan kaasaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment