Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Marsaa 4ffaan milkiin xumurame

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) ¬– Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guutinsi Bishaanii Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa Marsaa 4ffaan milkiin xumuramuu ibsan.

Hojii Itiyoophiyaanoonni tumsaan hojjetan uumuun milkeesseera jedhan.

Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Guutinsi Bishaanii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 4ffaan milkiin xumuramuun wayita ibsinu gammachuu guddaani jedhan.

Maallaqa, beekkumsa, humnaa fi kadhannaan kanneen hojicha keessatti hirmaattan hundi baga gammaddan jedhaniiru.
Gamtaan kun dhimmoota biroorratti dabalamuu akka qabu gaafataniiru.

Qormaata hedduutu ture, baayy’ee harkifanneerra , qormaanni keessoo fi alaa hedduutu ture, deeggarsa waaqaan hunda ceenee asgeenyarra jedhan.

Yaa ta’uutii fiixee tulluurra geenye malee tulluu baanee hin xummurre jedhan.

Yeroo itti aanu waan karoorsine hunda xummurree waaqa akka galateeffannu nan amana jechuun ibsaniiru.

Hanga ijaarsi isaa guutummaan guutuutti xumuramutti akkuma kanaan duraa deeggarsi akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment