Ityoophiyaan Adoolessa guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa kan eegaltu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan Adoolessa dhuftu guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa kan eegaltu ta’uu beeksiste.

Guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa, fayyadamtummaa qixaa biyyootaa, dhiibbaa kamuu dandamachuu fi ijaarsasaa karoora qabameen itti fufsiisuurratti waltajjiin marii Waajjira Muummee Ministiraatti bakka muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Adoolessa keessa guutinsa bishaanii eegaluuf karoora qabameen hojjechuuf itti deemamaa jiraachuun ibsameera.

Gamaaggama gaggeeffamerratti muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggansi olaanaan argamaniiru.

Koreen teeknikaa Hidha Haaromsaa ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa hojii hidhichaa ilaalchisuun gabaasa dhiyeessanii irratti mari’atameera.

Gabaasichaan hojiin siiviil injiinariingii %87, ijaarsi waliigalaammoo %73 irra qaqqabuun ibsameera.

Hojiin ijaarsaa sadarkaa gaarirra ga’uu isaatin guutinsi jalqabaa Adoolessa keessa akka eegalamu hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Guutinsi bishaanii akka hin eegalamne Gibts Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitif iyyata galfattus, Ityoophiyaan sanada deebii qopheeffachuushee beeksisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment