Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)- Adeemsi guutiinsa bishaan Hidhaa Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa itti aanuu bishaan gubbee hidhichaarraan carraan yaa’uu akka hinjirre Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.
Injiinar Habtaamuun FBC waliin turtii taasisaniin, hojiin ijaarsa siiviilii hidhichaa haala gaariin saffisuun, guutiisa bishaan itti aanu taasifamuun bishaan gubbee hidhichaarraan carraa yaa’uu hinqabu jedhan.
Sababni isaas dandeettii olaanaa bishaan qabachuu hidhichaarraan akka ta’es hubachiisaniiru.
Tibbana guutiinsi bishaan hidhichaa marsaa 4ffaan wayita labsametti guutiinsa xumuraati jedhamuun kana booda guutiinsa gaggeeffamuun gubbee hidhicharraan bishaan akka hindhangalaane ibsuuf malee, hidhicha guutuun ni dhaabbata jechuu akka hintaane ibsaniiru.
Ijaarsi guutiinsa bishaan hidhichaa hanga xumuramutti akkaataa karoorfameen kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, guutiinsi bishaanii hidhichaa inni xumuraa milkaa’inaan xumuramuu Qaammee 5, 2015 labsuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.