Gurraandhalli 11 waggaa 45ffaan Maqalee, Istaadiyamii Tigraayitti kabajame

Finfinnee, Gurrandhala 11, 2012 (FBC) – Gurraandhalli 11 waggaa 45ffaan magaalaa Maqalee Istaadiyamii Tigraayitti kabajame.
 
Hoggansi olaanoo naannichaa fi qabsaa’onni buleeyyiin siidaa wareegamtootaatti abaaboo kaa’aniiru.
 
Ayyaanichi Istaadiyamii Tigraayitti bakka jiraattonni naannittii fi qabsaa’onni buleeyyiin argamanitti kabajameera.
 
Ayyaanichi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel dabalatee, bakka hoggansi sadarkaa addaddaa argamanitti kabajameera.
 
Ayyaanni kun baatii tokkoof sirnoota addaddaatin kabajamaa kan ture yammuu ta’u, kan har’aa sirna kabajaa goolabaati.
Comments (0)
Add Comment