Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Gurma’iinsi Dubartoota naannoo Oromiyaa godina Baalee aanaa Madda Walaabuutti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 9tti tilmaamamu taasise.
Gurma’insi Dubartoota Oromiyaa waldaa dubartootaa, liigii Dubartootaa fi Waajjira Dubartootaa fi Daa’immanii of keessatti haammate gama bakka buutuu gurmaa’insichaa aadde Hindiyyaa Huseeniin deeggarsicha bulchaa aanaa Madda Walaabuu obbo Suuruur Hasaniitti kennaniiru.
Deeggarsichi aadaa walgargaarsaa Ityoophiyaanotaa waggoota dheeraaf ture ammas akka jiru qabatamaan agarsiisuuf akka ta’e aadde Hindiyyaan ibsaniiru.
Hanga rakkichi furmaata argatutti deeggarsi namoomaa taasisan kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Bulchaan aanaa Madda Walaabuu obbo Suuruur Hasan deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Bal’ina rakkinichaa dhaabbileen deeggarsaa fi qaamoleen biroon deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Godinichatti aanaaleen gammoojjii 6 hongeef saaxilamuu fi namoota kuma dhibba 2 fi kuma 60 fi beellada kuma dhibba 4 fi kuma 80 f mootummaan deeggarsa ariifachiisaa taasisaa jiraachuu ragaan Waajjira bulchinsa soda balaa fi kaafamtoota misoomaa godinichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.