Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee, bulchiinsa magaalaa Roobee Ashookaatti gurmaa’insa haaraa sadarkaa gandaa daawwataniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajila hawaasaa furuuf gurmaa’insa haaraa sadarkaa gandaatti hojirra oolchuu erga eegalee bu’aawwan hedduun argamuu eerameera.
Gurmaa’insi haaraan kun hirmaannaa ummataa dabaluun ummatni hojiilee garagaraa irratti akka hirmaatu, qabeenya akka horatuu fi aadaa walgargaarsaa akka gabbifatu gahee ol’aanaa qaba jedhame.
Godina Arsii Lixaattis gurmaa’insa haaraan gandoota godinichaa 349 keessatti hojiirra ooluu Bulchaa Itt Aanaan godinichaa obbo Asaffaa Tolasaa himan.
Hawaasni gandichaas gurmaa’insi caasaa gandaa erga hojirra oolee tajaajila barbaadan argachaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia