Gurmaa’insi gandaa bifa haaraan ijaarame itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluu fi hojiiwwan misoomaa milkeessuufi- Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC)- Gurmaa’insi gandaa bifa haaraan ijaarame itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluu fi hojiiwwan misoomaa milkeessuufi jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pirezidaanti Shimallis Aanaa Beddellee ganda Yabaallaatti hojiiwwan sadarkaa bulchiinsa gandaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hoggansiif hojjettoonni sadarkaa gandaatti ramadamanis uummata isaanii sirnaan tajaajiluu qabuu jedhan.

Hawaasni gurmaa’iinsa bulchiinsa gandaa bifa haaraan gaggeeffameen tajaajila fooyya’aaf qisaasama yeroof baasii isaanirraa hambise argachaa jiraachuu himu ragaan Kominikeeshinii Godina Buunnoo Beddelleerra arame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment