Gurmaa’inaa Naannoo Kibbaarratti mariin xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)-Mariin hoggantootaa gurmaa’ina Naannoo Kibbaarratti xiyyeeffate Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarah akka ibsanitti, gurmaa’inni galmaa waan hintaaneef kan jiru dhabamsiisuu utuu hintaanee duudhaa hawaasaa dabaluu qaba.

Wayita yaa’ii paartichaatti gaaffilee hawaasni kaasuuf deebiin kennamaa adeemuu akka qabu kallattii kaa’amee hordofee, gaaffilee gurmaa’inaa hawasni naannichaa kaasuuf deebii kennuuf hojiitti galamuu ibsniiru.

Haaluma kanaan, gaaffilee gurmaa’inaa Naannoo Kibbaatti ka’aa jiru karooraa guyyoota 90 keessatti akka hammatamu taasisuun hoggansaa fi ummataa waliin karooraa baafamerratti mari’achuu himaniiru.

Waltajjiin marichaa hojiilee gaaffilee gurmaa’inaarratti hojjetamanii fi gahee hoggansaarratti waliigalteerraa ga’uuf kan yaadame ta’uu Obbo Adam Faaraah himaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo ristuu Yirdaa gama isaaniin waltajjichi gurmaa’insa naannichaarratti sadarkaa hoggansatti hubannoo uumuuf qophaa’uu himan.

Gaaffileen gurmaa’inaa naannichaatti ka’aa jiru gara boqonnaa xumuratti ce’uu kan dubbatan Obbo Ristuun, gaaffileen kunneen deebii akka argataniif qaamolee qindeessanii fi dursan galateeffataniiru.

Waltajjii marichaarratti qondaaltonni olaanoo federaalaa, naannoo, godinaa fi aanaalee addaa hirmaachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment