Gurgurtaa simmintoon walqabatee kanneen malaanmaltummaa himatanirratti murteen adabbii kenname

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Bittaa simmiintoon alqabaytee yakkaa malaammaltummaan kan himataman Daayrektara Ittaanaa Loojistiksii fi Konistiraakshinii Tajaajilaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tasfaayee Damee dabalatee namoota 3 irratti murteen adabbii kenname.

Daayrektoreetiin Dhimmoota Yakkaa Malaanmaltummaa Miisteera Haqaa, maqaa Tajaajila Nageenya fi Odeeffannoo Biyyaalessaatiin simmintoo kuntaalaa kuma 29 fi 200 warshaalee lama irraa bituun namootaa dhuunfaatti gurguruun mootummaarraan miidhaa Birrii miiliyoona 30 ol geessisaniiru jechuun daayrektara ittaanaa fi hojjettoota tajaajilichaa afur yakka tumsuu fi aangoo seeraan ala fayyadamaniiru jechuun himannaa banuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan balleessummaan himatamtootaa mirkanaa’uun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidaataa Dhaddachi Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa 3ffaan himatamaa 1ffaa Daayrektara Ittaanaa Loojistiksii fi Konistiraakshinii Tajaajilaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tasfaayee Damee hidhaa cimaa wagga 2fi baatii 6’n, himatamtootaa hafana ammo hidhaa waggaa 1 fi baatii 6’n akka adabaman murtii kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment