Gurgurtaa Qinxaaboo boba’aarratti sirreeffamni gatii taasiifame

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Gurgurtaa Qinxaaboo boba’aarratti sirreeffamni gatii taasiifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Sirreeffamni taasiifame halkan har’aa sa’aatii 6:00 eegalee baatii tokkoof hojiirra kan oolu ta’uu ibseera.

Haaluma kanaan, Beenzilli Leetirri 1 Birrii 74.85, Naafxaa Adiin Leetirri 1 Birrii 76.34, Kiroosiin Leettirri 1 Birrii 76.34, Boba’aan Xiyyaaraa leetirri 1 Birrii 68.58, Naafxaa gurraachi salphaan leetirri 1 Birrii 62.22 fi Naafxaa gurraachi ulfaataan leetirri 1 Birrii 61.07 ta’uu ibsa Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif ergeen himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment