Gurgurtaa anniisaa fi kiraa faayibar optiksiirraa galii Birriin biiliyoonni 15 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Bara baajataa 2014tti gurgurtaa anniisaa fi kiraa faayibar optiksiirraa galii Birriin biiliyoonni 15.79 walitti qabamuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Gurgurtaa anniisaa biyya keessaa, gurgurtaa anniisaa alaa fi kiraa faayibar optiksiirraa galii Birrii biiliyoona15.79 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 20.75 walitti qabuun danda’amuu tajaajilichatti bakka bu’aan Daayrektara qajeelcha Maarkeetiingii fi Misooma Biznasii obbo Hiywat Isheetuu ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan faayinaansii dhaabbatichaa obbo Dammaraa Asaffaan gamasaaniin, galii argame keessaa Birrii biiliyoonni 14.44 gurgurtaa anniisaa tajaajila elektrikaa Ityoophiyaaf dhiyaaterraa, Birrii miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 34.16 indaastiriiwwan anniisaa olaanaa fayyadamanirraa akkasumas Birriin miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 18.57 ol gurgurtaa anniisaa daandii baaburaa Ityoo- Jibuutiif dhiyaaterraa argamuu eeraniiru.

Dabalataanis Birrii miiliyoonni 94 kiraa faayibar optiksii Ityoo-telekoom, Saafaariikoom Ityoophiyaa fi Weebs piriiksi Aay Siitii Sooluushin irraa argamuu ibsuu isaanii ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment