Gumiin biyyoolessa Hararii Yaa’ii Idilee 1ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Gumiin biyyoolessa Hararii marsaa Yaa’ii Idilee 1ffaa waggaa 3ffaa marsaa gaggeessuu eegaleera.

Waltajjicharratti Af-yaa’iin Mana Marii gumii Biyyaalessaa Hararii Obbo Muyeddiin Ahmad, Itti Aantuu Af-yaa’ii Aadde Ziinat Yuusuf fi hoggantoonni olaanoon Mootummaan Hararii biroon argamaniiru.

Gumichaan qaboo yaa’iin marsaa 6ffaa waggaa 2ffaa yaa’ii idilee 2ffaa akkasumas gabaasni filattota gumii biyyoolessaa Hararii dhiyaaterratti erga mari’atamee booda ni ragga’a jedhamee eegama.

Yaa’ii idilee gaggeeffamaa jiruun aadaa, hambaa fi turizimii naannichaa akkasumas damee barnootaatiin hojiiwwan baatiwwan jahaaf darban keessa hojjataman ni gamaaggamamu jedhameera.

Kana malees labsiin hojimaata yaa’ichaa fi naamusa miseensotaa fooyya’ee bahe yaa’ichaaf dhiyaatee erga miseensonni irratti mari’ataaniin booda ni ragga’a jedhamee kan eegamu ta’aa ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment