Gumiin Balal marsaa 15ffaa Mata duree “Qabsoo Oromoo fi weerara humna shoroorkeessaa ABUT  jedhuun gaggeefamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Gumiin Balal marsaa 15ffaa Mata duree “Qabsoo Oromoo fi weerara humna shoroorkeessaa ABUT  jedhuun gaggeefamaa jira.

Baroota darbanittii gaaffiin eenyummaa saboota garaagaraan kaafamaa ture, ABUT meeshaa siyaasaa ta’uun ittiin tajaajilamaa ture.

Toftaan isaanii garaagarummaa sabattii fayyadamuun sabni tokko kaan ni caala jechuun, sabni tokko akka jibbamuu fi shakkamuuf irratti hojjechaa turuun marichaan ibsameera.

Fedhiin isaa inni guddaan aangoo waan ta’eef, yeroo ammaan kana fedhiin aangoo isaa waan hin milkoofneef weerara eegale.

Maaf jalqabe weerara kana humni shororkeessaa kun kan jedhuuf immoo yaada aangootti deebiy’uuf barbaadu, rippablika Tigraay ijaaruu barbaaduu fi biyyaa Ityoophiyaa jedhamtu balleessuuf akka ta’ee ibsameera marichaan.

Bu’uurri yaadoolee kanaas maal kan jedhuuf tuffii ummata Oromoof qabanii  fi ummata Ityoophiyaa sabaa fi amantiin  qoqqoduuf yaada qaburraa ka’aanii akka ta’ees ibsameera.

Gareen badii humna shororkeessaa kunis oftulummaa qaburraa ka’uun gara nagaatti dhufuu waan hin dandeenyeef biyya diiguuf qaama hidhatee ka’eedha.

Oromoon seenaa baandummaa fi badii akka hin qabne marichaan ibsameera.

Qaamni humna kana waliin hiriiruu kamuu saba Oromoo bakka hin bu’uus jedhameera .

Maricharattiis hayyoonni adda addaa argamuun marii’ataa jiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment