Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) – Godina Gujii magaalaa Adoolaa fi Magaalaa Walaayittaa Sooddootti hirirrii balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi ABO Shanee gaggeeffameera.
Hiriirtoonni kunneen shira badii Shanee fi ABUT biyya diiguuf taasiisaa jiran kan balaaleffatan ta’uu ibsaniiru.
Waan danda’an hunda gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.
Jiraattoonni aanaa fi magaaloota godina Walaayittaa keessaa walitti babba’an hiriira kanarratti hirmaachuun shira badii garee kanneenii balaaleffachuun deeggarsa raayyaa ittisaaf qaban ibsaniiru.
Qaamoleen nageenyaa godina Walaayittaa dhaadannoo garaagaraan hiriira balaaleffannaa gaggeessaniiru.
Xilahuun Hunseentu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.