Gufuuleen nu mudatanis, milkaa’inaaf ni hojjenna- preezdaant Saahilawarq Zawdeen

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Bara 2012 gufuuleen nu mudatanis hojiilee milkaa’an heedduu hojjechuu dandeenyerra jedhan preezdaant Saahilawarq Zawdeen.
 
Bara darbe Gaanfa Afrikaatti nagaa buusuuf hojii hojjetameen hariiroon Ityoophiyaa fi Ertiraa haaromee muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Noobeelii badhaafamaniiru jedhan preezdaant Saahilawarq Zawdeen.
 
Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa jalqabaa milkaa’uunis milkii isa biraa tureen kaasan.
 
Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman hojiidhaf kutannaan bakka ga’uu mallu agarsiisa jedhaniiru.
 
Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa irra deebiin gurmeessuu, bulchiinsa naannoo Sidaamaa hundeessuuf sagaleen kennisiifamuunis isa biraa tureen kaasan.
 
Lammiilee miiliyoona 3f carraan hojii uumamuu eeraniiru.
 
Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan mirgi isaanii eegamee akka jiraatan, waliigalteen mallattaa’ee, diippiloomaasiin lammummaa hojjetameera.
 
Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii boonsaan hojjetameera; hordoffiiwwan fayyaa addaddaa hojjetamuu, biyyoota ollaatifis tumsi taasifamuu eeran.
 
Proojaktoonni harkifatanii turan akka xumuraman kutannoodhan hojjetameeran ibsan.
 
Biqiloota biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfannee milkeessineerra jedhan preezdaant Saahilawarq.
 
Karoorri barnootaa waggaa 10 qophaa’eraanis ibsan.
 
Milkiiwwan bara darbee kallattii dansaa biyya teenyaa kan agarsiisedhas jedhan.
 
Biyyi kallattii hin malletti akka hin deemne hojii hojjetameen, gara barbaadamutti qajeelchuun hogganuun danda’ameera jedhaniiru.
 
Hidha Haaromsaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf xiyyeeffannaadhan hojjetama.
 
Bara 2013 proojaktoota harkifatan xumuruuf, misooma magariisaa, misooma paarkii, hawwata tuuriizimii misoomsuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama.
 
Demokraasii Ityoophiyaa bal’isuuf of eeggannaa, ilaalcha ammayyaa’adhaan ni hojjetama.
 
Demokraasii ceesisuuf lammiilenis ta’an jaarmiyaaleen siyaasaa naamusaan akka socho’an ni hojjetama.
 
Filannoon biyyoolessaa baranaa hirmaannaanis ta’e dorgommiidhan kan kanaan duraarra fooyya’aa ta’a, manneen marees bakka bu’ummaa yaadolii addaddaa ni argatu jedhan preezdaant Saahilawarq Zawdeen haasaa isaanitiin.
 
Sochiin seeran alaa akka hin jiraanne, humni hidhate socho’u akka hin uumamne, olaantummaa seeraa mirkaneessuuf ni hojjetamaan ibsan.
 
Kabajamuun mirga namoomaa fi kenniinsi tajaajila haqaa akka ammayyaa’u ni hojjetama jedhan.
 
Tajaajila lammummaa akkaataa dhaabbattummaa qabuun itti deemuuf ni hojjetama.
 
Hojii diippiloomaasii Hidha Haaromsaa cimsuun, dhiibbaa qaqqabu ittisuuf ni hojjetamaan eeran.
 
Walitti bu’iinsii fi buqqaatiin lammiilee akka hin mudanne, olaantummaan seeraa akka kabajamu, waliigalteen obbolummaa fi biyyoolessaa akka gabbatu ni hojjetama jedhan.
 
Gufuun kamuu nu mudatu, ummata waliin waltumsuun karoora qabame ni milkeessina.
 
Hojjetaan mootummaas karoora qabame galmaan ga’uuf akka hojjetu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment