Gufuulee waloo injifannoon bahachuuf Ityoophiyaan biyyoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetti-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC)- Sodaa fi faayidaa waloo tilmaama keessa galchuun gufuulee waloo injifannoon bahachuuf, Ityoophiyaan tokkoon tokkoo biyyoota waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjettu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’ii biyyoota miseensa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrika (IGAD) hirmaachaa jiran cinaatti Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammadi fi Pireezidaanti Keeniyaa Wiiliyaan Ruutoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis sodaa fi faayidaa waloo tilmaama keessa galchuun gufuulee waloo injifannoon bahachuuf, Ityoophiyaan tokkoon tokkoo biyyoota waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjettu ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaniin ibsaniiru.

Jilli Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin durfamu Yaa’ii Idilee Biyyoota Miseensa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa 14ffaarratti hirmaachuuf har’a Jibuutii galuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment