Gufuulee indaastiriiwwan maanufaakchariingii furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Gufuulee indaastiriiwwan maanufaakchariingii furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Walitti Qabaa Mana Maree Indaastirii Maanufaakchariingii fi Gorsaan Damee Diinagdee Gooroo Ministira Muummee Ambaasaaddar Girmaa Birruun ibsan.

Manni Maree Indaastirii Maanufaakchariingii Biyyaalessaa indaastiriiwwan maanufaakchariingii Magaalaa Shaggariitti argaman daawwataniiru.

Miseensonni Manni Marichaas bulchiinsa warshaalee waliin gufuulee mudatanii fi bu’aalee jajjabeessoo argamanirratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Girmaa Birruun akka jedhanitti, yeroo yeroon gufuulee damichaa mul’atan saffisaan furuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jira.

Miseensonni Mana marichaa Warshaa Bu’aa Gogaa Elikoo, Warshaa Huccuuwwanii Bullukkoo fi Alsaam kan daawwatan yoo ta’u, hojmaataa isaanii irratti deeggarsaa fi hordoffii waaraan akka taasifamu ibsuu ragaan Ministeeraa Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

Manni marichaa, mootummaan indaastiriiwwan maanufaakchariingii dorgomtoota sadarkaa Addunyaa akka ta’an, kanneen fakeenya ta’anii fi raawwii fooyya’aa qaban deeggaruu fi muuxannoo isaanii gara indastiriiwwan birootti babal’isuuf kan hundaa’e ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment