Gufuu badhaadhinaa buqqisaa injifannoo Oromoo tiksuun injifannoon itti fufna-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Gufuu badhaadhinaa buqqisaa injifannoo Oromoo tiksuun imala eegalame injifannoon itti fufna jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Waancaan Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa Magaalaa Dukamirraa Magaalaan Galaan simateera.

Sagantaa simannichaarratti Obboo Awwaluun, iyyaa fi waca diinota Ityoophiyaa bira darbuun imala itti fufneerra jedhan.

Seenaa, aadaa fi eenyummaa Oromoo balleessuu fi imala badhaadhinaa gufachiisuuf diinonni keessaa fi alaa tattaffii taasisaa turuuyaadachiisuun mootummaan harka tokkoon aggaammii diinaa fashaleessaa, harka biroon Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaa dabalatee pirojektoota biroo hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Injifannoo biyyattiin galmeessa jirtu rakkoo wal xaxaa keessa teesseeti jedhanii, gufuuwwan badhaadhinaa buqqisaa injifannoo Oromoo tiksuun imala badhaadhinaa injifannoon itti fufna jechuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment