Guddinni daa’immanii karaa duudhaafi safuu eegeen ta’uu qaba – BDhDDO

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Guyyaan daa’immaan Afrikaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Shaashamanneetti kabajameera.

Mirgaafi Nageenya daa’immanii eegsisuurratti hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Aadde Sarkaalam Saakumeen ibsaniiru.

Guddinni daa’immanii karaa duudhaafi safuu eeggateen ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Magaalota keessatti daa’imman hedduun mirga namoomaa isaanii mulqamuun balaa garaagaraatiif saaxilamaa jiraachuu eeraniiru.

Oromoo aadaa walgargaarsaa qabaatus garuu daa’imman oromiyaa keessa jiran sarbama mirga namoomaatiif saaxilamaa jiraachuu kaasaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara kana daa’imman 800 oliif deeggarsi hunda galeessaa taasifamu kan himan Aadde Sarkaalem deeggarsa kana babalisuuf hawaasarratti hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Xilaahun Yilmaa fi Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment