Guddina Itiyoophiyaaf karoorri bu’uura kaa’an hojirra oolaa jiru –TKM

Finfinnee, Sadaasa 7, 2017 (FBC)- Guddina Itiyoophiyaaf karoorri bu’uura kaa’an hojirra oolaa jirachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun haala waqtaawaa biyyaalessaarratti Miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsi isaanii dhimmoota Diinagdee,Nageenyaa fi hojiilee hojjetamaa jiranirratti kan xiyyeefate ta’uun ibsameera.

Dooktar Laggasaan guddina Itiyoophiyaaf bara baajatichaatti dameele hundaan karoorri qabame xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kurmaana jalqabaatti Dhaabbilee hunda keessatti hojiiwwan guguddoon hojjetamuu ibsaniiru.

hojiileen damee diinagdee,invastimantii,qonnaa fi kanneen biroon hojjetamaa jiran hundi bu’aa qabeessa ta’uu Dooktar Laggasaan kaasaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment