Guddina Itiyoophiyaaf dandeettii ce’umsa teeknooloojii fayyadamuun murteessaadha-Dr. Baayyisaa Badhaadhaa

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Guddina Itiyoophiyaaf dandeettii ce’umsa teeknooloojii jiru guutummaatti fayyadamuun murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayyisaa Badhaadhaan dubbatan.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Hindiitti Yuunivarsiitii JS fi Yuunivasriitii Kaalaalaa Laangiwaa waliin ta’uun imala ce’umsa teeknooloojiirratti hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Dooktar Baayyisaa Badhaadhaan akka jedhanitti, sadarakaa teeknooloojii addunyaan irraa geesse waraabuu fi madaqsuun fayyadamummaa damichaan jiru guddisuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Guddina diinagdee Itiyoophiyaa dagaagsuufis ce’umsa teeknooloojii irratti qaamolee walta’iinsaa hunda waliin xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ce’umsa teeknooloojii keessattis walitti hidhamiinsa indaastiriiwwanii fi yuunivarsiitiiwwan uumuun akka barbaachisu ibsanii, Itiyoophiyaan damichaarratti yuunivarsiitiiwwan biyyoota biroo waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment