Gosti Vaayrasii koroonaa Oomikroon Ityoophiyaa seenuu mallattooleen agarsiisan muul’achaa jiru – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Gosti Vaayrasii koroonaa Oomikroon Ityoophiyaa seenuu mallattooleen agarsiisan waan jiruuf hawaasni of eeggannoo taasiisuu akka qabu Ministeerri Fayyaa hubachiise.
Ityoophiyaatti torbeewwan sadan darban lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii daraan dabalaa jiraachhuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
Magaalaa Finfinneetti namoota qorannoon laabraatoorii taasiifamuu keessaa %47 irratti vaayrasiin Koroonaa argamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Utaalloon yeroo ammaa muul’achaa jiru Oomikroon Ityoophiyaa seenuu agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Hawaasni of dagannaa malee maloota ittisa vaayrasichaa hojiirra oolchuu akka gaban hubachiisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment