Gosni barnootaa qormaataa biyyaalessa kutaa 12ffaa kennaman ifooman

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)-Gosa barnootaa qormaataa biyyaalessa Kutaa 12ffaa , 2016 kennaman Ministeerri Barnootaa ifoomse.

Ministeerichaatti Dursaa Hoji Raawwachiisaaa Dagaaginaa Sirna Barnootaa Dooktar Tewoodiroos Shawaargix akka jedhanitti bara baajataa kana sirni barnootaa haaraan manneen barnootaa sadarkaa 2ffatti hojiirraa oolaa jira.

Haaluma kanaan bara 2016 gosoonni barnootaa qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaaf kennaman dameewwan lameeniin ja’a ja’a akka ta’an murtaa’uu FBC’f ibsaniiru.

Gosiinni barnootaa kunneenis barattoonnni damee Saayinsii Umamaa, qormaata Afaan Ingilizii, Herrega, Fiiziksii, Keemistirii, Baayoloojii Fi Iskoolaastik Apitiitiyuudii akka fudhatan murtaa’eera jedhan.

Akkasumas barattoonn Sayinsii Hawaasaa, Qormaata Afaan Ingilizii, Herrega, Seenaa, Ji’oogiraafii, Ikkoonoomiksii fi Iskoolaastik Apitiitiyuudii akka fudhatan murtaa’uu himaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment