Gorsituu olaantuun Traamp; Keeliyaan Koonweey taayitaa gadhiisufi

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Gorsituu olaantuun preezdaantii Ameerikaa Keeliyaan Koonweey taayitaa gadhiisufi.
 
Keeliyaan Koonweey dhuma baatii Faranjootaa Hagayya Masaraa Adiidhaa nan gadhiisa jedhaniiru.
 
Gorsituu fi harka mirgaa preezdaantichaa kan ta’an qondaalli tun taayitaa gadhiisun, dorgommii preezdaantummaa Traamp taasisaniif gufuu itti ta’uu malaan ibsamaa jira.
 
Qondaaltittiin gorsituu fi odu himtuu ta’uun tajaajilaa turaniiru.
 
Maatii isaanii waliin yeroo ga’aa dabarsuu fi haadha hariiroo dansaa ijoolleeshee waliin qabaattu ta’uuf taayitaa kan gadhiisan ta’uus beeksisaniiru.
 
Filannoon 2016 milkaa’aa akka ta’u ga’ee olaanaa taphataniit turan.
 
Keeliyaan Koonweey Traampin osoo hin ari’amin waggootaf taayitaarra turaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Maddi; Aljaziiraa
Comments (0)
Add Comment