Gorsitoonni Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti gargaaraa barreessaa dhimmoota Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Gorsitoonni Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti gargaaraa barreessaa dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Tiiboor Naazhii waliin mari’atan.

Gorsitoonni Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti gargaaraa barreessaa dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Tiiboor Naazhii fi Ityoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa Maaykil Raaynar waliin kan mari’atan.

Marichaanis Ityoophiyaatti damee sayiinsii fi barnoota olaanoorratti haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Hojiiwwan ministeerichi barnootaa fi leenjii karoora barnootarratti bu’ureffachuu hojjechaa turee fi gara fuulduraatti hojjeturrattis mari’ataniiru.

Dandeetti barsiisaa fi hoggansaa cimsurra darbee leenjii ijaarsa dandeetti, haala nagenya yuunvarsitiwwani akkasumaas, barattoota eebbifaman gara hojiitti galchuuf wal tumsuun hojjechuu akka qaban irratti marii taasisaniiru.

Comments (0)
Add Comment