Gorsaan Waraana Eegdoota Warraaksa Iraan ajjeeffamuu dhaga’agame

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Gorsaan Waraana Eegdoota Warraaksa Iraan Ziyaad Raasii Muuseeviin haleellaa Xiyyaaraa Isiraa’eeliin ajjeeffamuu Teeleeviizhiin biyyattii beeksise.

Ziyaad Raasii Muuseeviin dhiyeenya Sooriyaa fi Iraan gidduutti dhimmoota Waraanaa waayita qindeessaa jiran ajjeeffamuu Pirees TV gabaaseera.

Ziyaad Raasii Muuseeviin Ameerikaan kan ajjeeffaman Ajajaa Eegdoota Warraaksa Iraan kan turan jeellee hojii Leetanaal jeneraal Qaasiim Suleeyimaanii ta’uu eerameera.

Eegdoonni Warraaksa Iraan ibsa laateen ajjeechaa Ziyaad Raasii Muuseeviinirratti raawwateef duub deebii madaallaaa kan kennu ta’uu ibseera.

Mootummaan Isiraa’eel Sooriyaatti iddoolee qabiyyee waaraanaa Iraan jetturratti haleellaa raawwachaa turuu TV Pireesii fi Aljaziiraan gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..

Comments (0)
Add Comment