Gootummaan ofii olitti kaayyoo guddaadhaaf, nageenyaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataatiif dhaabbachuudha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee fi Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon guyyaa yaadannoo goototaa 81ffaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Gootummaan jaalalli biyyaa hanga aarsaa lubbuutiin kan ibsamu fiixee fi daangaa kan hin qabne ta’uu aadde Adaanech ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Gootummaan kabaja eenyummaa olaanaa ittiin goonfatan ta’uu eeruun, gootummaan ofii olitti kaayyoo guddaadhaaf, nageenyaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataatiif, gonfoo bilisummaa fi birmadummaatiif dhaabbachuu ta’uu kaasaniiru.

Aarsaa qaalii bakka bu’aa hin qabne kanfaluun guyyaa kanaan kan nuun gahan abbootii keenyaa fi haadholii keenyaaf kabajni olaanaan haata’uufi jedhaniiru.

Dhaloonni keenyas gootummaadhaan ofii olitti kaayyoo guddaaf, nageenya, tasgabbii fi badhaadhina biyyaa fi ummata isaatiif tokkummaan dhaabbachuun gootummaa isaa kan mirkaneessu ta’a jedhaniiru.

Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon gamasaaniin, gootonni darban jaalala biyyaaf dursa kennuun kutaalee biyyattii garaagaraarraa sanyiin,bifaan, amantaa fi eenyummaan osoo wal hin qoodiin diina biyyasaanii weeraruu dhuferratti duuluun diinni gara dhufetti akka deebi’u taasisaniiru jechuu ragaan Waajjira Preezdaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment