Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)-Gootummaan keenya garee shororkeessaa ABUT dursa injifatameef osoo hin taanee ergitootaa (gulufsistootaaniifi) jechuun Letenaal Baacaa Dabalee ibsaniiru.
Qindeessaan olaanaa hojiiwwan ijaarsaa raayyaa ittisa biyyaa federaalaa Letenaal Jeneraal Baacaa Dabaleen, giddugalaa leenjii Bulbulaatti argamuun ebbifamtootaaf erga dabarasniiru.
Yeroo hedduu akkuma dubbatamee biyyii keenya Ityoophiyaa qormanni wayita ishee mudatuu kan jalqabaa mitii kan jedhan L/J Baacaan qormaata ammaa kana kan addaa isaa taasisuu qabeenyaa biyyaan leenji’anii, qabeenyaa biyyaan jiraataanii waraanaa mata isaanii waranuun diinoota biyyaa keessaa jalqabaa ta’uu kaasaniiru.
Bara 1888 wayita waraanaa Adwaa humna badiif hojjechaa kan turan baandoonni akka turan yaadachiisuu, gootonnii fi dargaggoonni akkasumas Ityoophiyaanoonni amanamoon yeroo sana turan aarsaa guddaa kaffalaniif weerara Xaaliyaanii barbadeessaniiru jedhan.
Ebbifamtoonni har’as gaachanaa raayyaa ittisa biyyaa fi dhaloota ta’uun waamichaa taasifameen abbaa fi haadhakoo osoo hin jedhiin biyyaasaaniif dhaabbachuun keessaniif kabajni isiiniif mala jedhaniiru.
Gootummaan keenyaas garee juuntaaf miti, juuntaan dursee injifatameera, qophiin keenyaa ergitootasaanii (gulufsistootaafi) jedhaniiru.
Bisiraat Mangisteetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.