Gootummaafi Sabboonummaan Hawaasa Ofiitiif Tajaajila Si’ataa Kennuun Madaalama – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC) – Gootummaafi Sabboonummaan Hawaasa Ofiitiif Tajaajila Si’ataa Kennuun Madaalama jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Sadarkaa Naannootti raawwiin hojii tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajilaa kurmaana 1ffaa qoratameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuun itti quufinsaafi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun sirna cimaa yeroon barbaadu ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Obbo Awwaluun paakeejiiwwan fooyya’insa kenna tajaajilaa garaagaraa qophaa’uun hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Sirna cimaa uummanni ofii isaatii ijaarrate keessatti hooggansiifi ogeessi manneen hojii mootummaa tajaajila si’ataa kennuun itti quufinsa uummataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaafis, gurmaa’insa manneen hojii, hoji-maataafi hooggansa qabeenya humna namaa jabeessuu akkasumas itti fayyadama sa’aatii hojiifi guyyaa abbaa dhimmaa kabajuufi kenna tajaajilaa loogii irraa bilisa taasisuun murteessaadha jedhan.

Hooggansiifi ogeeyyiin manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran karoora hojii qabaachuufi raawwii isaa hordofaafi madaalaa deemuun dhimma dagatamuu hin qabne akka ta’e hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa gootummaafi sabboonummaan hooggansaafi ogeessa tokkoo tajaajila si’ataafi qulqulluu ta’e uummataaf kennuun kan madaalamu ta’uu eeraniiru ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment