Gootota wareegama kaffalan kabajuun barbaachisaadha-Atileet Qananiisaa Baqqalaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Dameewwan hundaan gootota wareegama kaffalan hunda kabajuu, galateeffachuun barbaachisaa ta’uu Atileet Qananiisaa Baqqalaan dubbate.

Atileet Qananiisaan Itiyoophiyaan damee ogummaa hundaan gootota hedduu horachuu ibseera.

Damee Atileetiksiin biyya bakka bu’uun dorgomuu fi dhuunfaan dorgomuun garaagarummaa qabaachuu eeranii, asxaa biyyaa uffachuu fi alaabaa bakka bu’anii fiiguun kan nama boonsuu fi kabaja addaa kan qabuudha jedheera.

Dameewwan hundaan gootota biyyaaf wareegama kaffalaa jiran galateeffachuu, kabajaa fi beekkamtii barbaachisaa kennuun murteessaa ta’uu kaaseera.

Biyyaa fi ummataaf seenaa hindabarre hojjechuun kabaja kan qabu ta’uu eeruun tokkummaa biyyaaf, waliin jireenyaa fi guddinaa Itiyoophiyaaf gamtaan fiiguun nurraa eegama jechuu TOI gabaaseera.

Atileet Qananiinsaa Baqqalaan dorgommiiwwan idil addunyaarratti meedaaliyaawwan Warqee 26’n Itiyoophiyaa maqaa dhoofsisuu Atileetii danda’eedha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment