Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC) – Gootota Humna Qilleensaa seenaa boonsaa raawwataniif sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.
Hambaan Lafee goota Humna Qilleensaa kan turan Koloneel Baacaa Hundee biyya alaa biyya gara biyya keessaa wayita galu sirni simannaa taasiifameefira.
Koloneel Baacaan waraana Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti gaggeefamerratti goota Jeettii waraanaan hojii seenaa qabeessa raawwataniiru.
Gootummaa isaaniin badhaafamaa Meedaay goota Dirree Waraana ta’uu isaanii seenaan ni mul’isa.
Koloneel Baacaa Hundee waggaa 7 dura Ameerikaatti lubbuun isaanii darbuun kan yaadatamuudha.
Ajajaa olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasan, gootota humna Qilleensaa hojii seenaa qabeessa raawwataniif bakka maatii fi jiraattoonni magaalaa Bishooftuu argamanitti gootota kanneeniif beekkamtii laataniiru.
Gootonni kan kabajaman dhaalota goota horachuuf ta’uu Leetanaal Yilmaan ibsaniiru.
Hambaan lafee Koloneel Baacaa Hundee boru Mana Amantaa Ortodoksii Kaateediraalii Qulqulluu Sillaaseetti kabajaan ni boqota jedhame.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.