Gootota duraanii bakka buunee waan jirruuf, nuti miseensonni dhaloota kanaas agarsiiftuu xurree tokkummaa, nagaa fi badhaadhinati. – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Waan hundumaa dura gootota abbootii fi haawwan keenya biyyaa fi uummata dursanii bilisummaa keenyaaf gatii baasan har’a ni yaadanna jedhan.
Biyyaa fi uummata isaaniif jecha lolaniiru.
 
Jaalalli Ityoophiyaaf qaban inni gita hin qabne aarsaa dhiigaafi lubbuutiin mul’ateera.
Kan kana raawwatan beekamtiif utuu hin ta’iin biyya birmada tokkummaadhaan dhaabattuufidha.
 
Muummeen Ministira Dooktar Abiy gootota duraanii bakka buunee waan jirruuf, nuti miseensonni dhaloota kanaas agarsiiftuu xurree tokkummaa, nagaa fi badhaadhinatis jedhaniiru.
 
Murtiin seena qabeessi haawwanii fi abbootiin keenya murteessan: bilisummaan, biyyii fi uummatni birmada ta’e waan hundumaa ol ta’uu isaanii nu agarsiiseera.
 
Seenaa keenya irraa barachuudhaan abdii kutachuu utuu hin ta’iin guddina, jibbiinsa utuu hin ta’iin jaalala, kasaaraa utuu hin ta’iin bu’aa, balaa utuu hin ta’iin badhaadhina argina jedhaniiru.
 
Kabajni gootota keenyaaf!Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment