Gootoota jechuun haqaa fi amanamummaan biyyaaf gatii kaffaluudha- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Gootoota jechuun haqaa fi amanamummaan dhimma biyyaaf gatii kaffaluudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa gootoota Ityoophiyaa waggaa 81ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Abbootii fi haadhaloon durii gootummaan bilisummaa fi birmadummaa biyya isaaniif wareegama lubbuu kaffaluu isaanii eeraniiru.

Nutis akkuma gootoota durii kabaja, badhaadhinaa fi birmadummaa biyya keenyaaf gatii kaffaluun ilmaan gootaa ta’uu keenya mirkaneessuu qabna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment