Gootichi raayyaa ittisa biyyaa oopireeshiniin kaleessa gaggeessuu eegaleen hojiilee barsiisoo hojjetaa jira-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Gootichi raayyaa ittisa biyyaa oopireeshiniin kaleessa gaggeessuu eegaleen hojiilee barsiisoo hojjetaa jira jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummee ministiraa Abiy Ahimad wayita duulaa ashaaraa magarisa marsaa afuraffaa Finfinnee Giddugala Biqiltuuwwanii Guullalleetti eegalchiisanitti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti, Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanonni taattaffii cimaa taasisuu, qabeenya walitti qabuu, teeknoolojii fayyadamuun qabeenya umamaan araramuun rakkoole jiran hambisuu qabna jedhan.

Akkasumas qabeenya bal’aa qabnu fayyadamuu eegaluu qabna jedhaniiru.

Biyya kunuunsuun akkuma sagantaawwan akka Ashaaraa Magariisaatiin lafa kunuunsuu of keessatti qabatu, nageenya lammiilee eegsisuus of keessaa qabata jedhaniiru.

Haaluma kanaan tarkaanfii yeroo irratti hundaa’e fudhachuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Har’a, ergamtoonni Raayyaa Ittisaa fi poolisii fuulleetti morkachuu hindandeenye Ityoophiyaanotaa nagaa haleeluu ibsanii, kana dhaabuun hundaarraa kan eegamuu ta’uu hubachiisaniiru.

Kaayyoon ergamtootaas galma akka hingeenyeef irree tokkoomeen diinota kanneen diiguu qabna jedhaniiru.

Kanneen lammiilee nagaa haleelanis adeemsa seeraatiin barsiisuu qabna dubbataniiru.

Gootichi Raayyaa Ittisa biyyaas guyyaa kaleessaa irraa eegalee ooppireeshinii gaggeessaa jirun hojiilee jajjaboo fi barsiisoo hojjechaa jiraachuu himanii, kun xiyyeeffannaa hoggansa hundaa barbaadas jedhan.

“Harka mirgaan misooma keenya itti fufsiisaa, harkaa bitaan ammo diinota keenyaa ni waraanna; kan nu dhaabu homtuu hinjiru” jechuun ergaa dabarsaniiru.

Feeven Bishaawutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment