Goondaritti rakkoo guyyaa kaleessaa mudateen walqabsiisee jiraattoota waliin mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Magaalaa Goondaritti rakkoo guyyaa kaleessaa mudateen walqabsiisee shakkamtoonni to’annaa jala ooluu fi hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessu eegaluu Itti aanaa Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachoo Janbaar ibsaniiru.

Dooktar Geetaachoo fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo naannichaa jiraattota magaalichaa waliin marii gaggeessaniiru.

Marichi rakkichaa furuuf, qaamolee rakkicha uumaan seeraa akka gaafataman taasisuu fi bu’uura rakkichaa beekuun falaa waaraa laachuuf kan kaayyefateedha jedhameera.

Dooktar Geetaachoon marichaan rakkoon guyyaa kaleessaa muudate gocha hunda bakka hin buunee fi gaddisiisaa akkasumas qaaniidha jedhaniru.

Minaalaa Ayyaanaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment