Googl teeknooloojii kaansarii harmaa qoratu ifoomse

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Googl teeknooloojii kaansarii harmaa qoratu kalaquu beeksise.

Teeknooloojii namtolcheen kun ogeessota fayyaarra dandeettii adda baasuu akka qabu himameera.

Googlii fi qorattoonni kaansarii teeknooloojichaa haala dhibichaa ilaalchisee bu’aa qorannoo sirrii ifa taasisuun, teeknooloojiin kun ogeessota fayyaa caalaa bu’aa gaarii akka agarsiise ibsameera.

Teeknooloojichi dhibee kaansarii harmaa adda baasuuf dandeetti cimaa kan qabu yoo ta’u, ragaa dhukkubsattootaa qabachuuf garuu dandeetti ogeessota fayyaatii gadi jedhameera.

Teeknooloojiin haaraan kun hir’ina ogeessota fayyaa furuu akka danda’u eerameera.

Maddi:-CNN

Comments (0)
Add Comment