‘Goobeefi Shinoyyee’ magaalaa Finfinneetti haala miidhagaan kabajuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC)- Feestivaala Aadaa ‘Goobeefi Shinoyyee’ magaalaa Finfinneetti haala miidhagaan kabajuuf qophiin xumuramuu ibsameera.

Dhaabbanni Piromooshinii Aartii Boraatii, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun Feestivaala Aadaa ‘Goobeefi Shinoyyee’, waggaa waggaadhaan qopheessaa ture gara Kaarnivaalitti ol guddachuun marsaa 4ffaaf akka kabajamu himame.

Feestivaalicha magaalaa Finfinneetti sirna bareedaan bakka qarreefi qerroowwan Oromoo kumaatamaan lakkaawwan argamanitti Marsaa 4ffaaf kabajuuf haaldureen xumuramaa jiraachuu, Hojii Gaggeessaan Dhaabbata Piromooshinii Aartii Boraatii, Dargaggoo Biruuk Girmaa OBN’tti himeera.

Qeerroofi Qarreewwan Magaalaa Finfinneefi Naannawaashee akkasumas Godinaalee Oromiyaa akkaataa uffannaa Aadaa duudhaa ganamaa eggateefi tapha aadaa waqtii  Birraa naannoo isaanitti taphatamuun garee gareedhaan akka irratti of qopheessan dhaameera.

Tattaaffii Kaarnivaala Aadaa Goobeefi Shinooyyee ‘UNESCO’tti galmeessisuuf taasifamuurratti hunduu gaheesaa bahuu qabas jedheera.

Duudhaafi Aadaa Oromoo handhuura keenya Magaalaa Finfinnee keessatti akka hidda gadi fageeffatu gochuun, qaama seenaa kanaa tahuuf hunduu qoodasaa bahuu qabas jedhe.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment