Golgamuun aduu agartuurratti miidhaa qaba –Ogeessa Fayyaa

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Golgaa/ haguuggiin aduu ijarratti miidhaa ni qaqqabsiisa.

Ityoophiyaatti baatii Waxabajjii 14, 2012 (Dilbata) golgamuu aduu muul’atuun walqabsiisee ijarratti dhiibbaa qabuu fi akkamiin ittisuu dandeenya jedhuf Ispeeshaaliistiin yaala ijaa fi viitroo retiinaa Dooktar Tsaadiq Asaammanaw ibsa lataniiru.

Taateen kun yeroo muul’atu ijaan yoo ilaallame kallaattiin ifa agartuu (retiinaa) irraatti miidhaa qaqqabsiisa.

Golgamuu aduu kana daqiiqaa tokkoof namoonni ilaalan agartuun isaanii miidhamuu ni danda’a.

Sababa kanaaf miidhaa qaqqabu yaaluuf baatii 3-6 fudhachuu ni danda’a.

Ta’us agartuun miidhame gara fayyummaa isa jalqabaatti hin deebi’u.

Haalli saaxilamummaa isaa:-

– daa’immanii fi dargaggoota,

– maanguddoota,

-namoota dhukkuba sammuu qaban,

-dhiironni dubartootarraa caalmaa saaxilamoodha

– adiin gurraachotarra caalmaan saaxilamoodha

*Mallattoolee isaa:-

-Agartuun ni hir’ata.

-Wayita ilaalan gaaddidduun muul’achuu,

-Wantoonni ilaalan wanta daddabe fakkaatee, xiqqaatee ykn guddatee yoo muul’ate,

– Dhukkubbii mataa,

Rakkinichi muul’achuusaa beekuuf qarannoo agartuu taasisuun dirqama.

*Akkaata ittisa isaa:-

-Wantoota agartuu miidhan ilaaluu dhiisuu.

-Golgamuun aduu kun waggoottaniin al tokko waan muul’atuuf ifni isaa gadi bu’aa fakkaatus, kallattiin ilaalamuu hin qabu.

Kanaafis taatee kanarraa daa’imman, namoonni sammuu dhukkubu gara haguuggii aduu akka hin ilaallef ofeeggannoon taasifamuu qaba.

Mootummaanis qorichootaa fi manatsirii/kishaafni sadarkaa isaanii hin eegganee akka hin gurgamneef to’annoo taasisuu qaba.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment