Godinota Qeellam Wallagaa fi Wallagga Lixaatti qorumaanni kutaa 12ffaa kennamaa jira

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Godinota Qeellam Wallagaa fi Wallagga Lixaatti sababa rakkoo nageenyaan dheeratee kan ture qorumaanni kutaa 12ffaa guyyaa har’aa kennamuu eegaluu Waajjiraaleen barnootaa godinaalee kanneenii beeksisn.

Godina Qeellam Wallaggaa aanaalee 12 fi Wallagga Lixaa aanaalee Begii fi Qondaalaatti barattoonni kumni 15 ol qorumsicha fudhachaa jiraachuu ibsameera.

Qormaatichi guyyaa har’aa dabalatee guyyoota 4’f kan kennamu ta’uu eerameera.

Ittaanaan hogganaa Waajjira Barnoota godina Qeellam Wallaggaa obbo Eefireem Tafarraa godinichatti aanaalee 12 buufataalee qorumsaa 42 keessatti barattoota kuma 14 fi 228’f qormaatichi kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Barattoota qorumsicha fudhatu jedhamanii eegaman kuma 16 fi 608 keessaa barattoonni kuma 1 fi 243 sababa garaagaraan qormaaticharra taa’uu dhabuu eeraniiru.

Hogganaan Waajjira Barnootaa godina Wallagga Lixaa obbo Yoonaas Immiruu gamasaaniin barattoonni aanaalee Begii fi Qondaalaa kumni 1 fi 137 buufataalee qorumsaa Afur magaalaa Mandiitti qophaa’an keessatti fudhachaa  jiraachuu addeessaniiru.

Barattoota qorumsicha fudhachaa jiran keessaa 118 qoramtoota dhuunfaa ta’uu eeraniiru.

Sababa garaagaraan barattoonni 931 qormaatarra taa’uu dhabuu ibsuu isaanii EBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment