Godinni Walaayittaa Birrii miiliyoona 34.2tti tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Godinni Walaayittaa deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birrii miiliyoona 34.2tti tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf taasiiseera.

Godinichi Sangoota 116 fi Hoolootaa fi Re’oota 387 dabalatee meeshaalee nyaataa fi nyaataan alaa Birrii miiliyoona 17.2 baasaan deeggarsa taasiisuu ibsameera.

Akkasumas maallaqa Birrii miiliyoona 17 deeggarsa taasiisuu isaa ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kibbaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment