Finfinnee, Sadaasa 22, 2017 (FBC) – Godinni Shawaa Lixaafi Magaalli Amboo bakka nagaa, misoomaafi obbolummaan keessa jiraatan ta’uu ummanni mirkaneessera jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduurahmaan.
Handhuura Qabsoo Oromoo kan taate Magaalaa Ambootti Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 19ffaa kabajnee jirra jedhan.
Hawaasa jaallatamaafi kabajamaa Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Amboo, Magaalaa Shaggar, Hoolataa, Sandaafaa Bakkeefi Magaalaa Shanoo hirmaachisuun ayyaanni kabajame injifannoon goolabamuu ibsaniiru.
Godinni Shawaa Lixaafi Magaalli Amboo bakka nagaa, misoomaafi obbolummaan keessa jiraatan ta’uu ummanni keenya kumaatamaan bahee mirkaneesseera jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Injifannoon dachaa irra argame nageenya ummata keenyaa qabatamaan guyyaa itti mirkaneessinedha jechuun ibsaniiru.
Ummata Godina Shawaa Lixaa ayyaanicha Fardeeniin dabaale, Magaalaa Amboo, Yuunivarsiitii Amboofi hawaasa Magaalota adda addaa irraa hirmaattan hundaaf galataafi ulfina guddaan qabaaf jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia